Hojiin Xumuraan Madaallama

Qissaan (seenaan) kuni seenaa baay’ee nama dhukkubsu kan Sheykh Ahmad Al-Qaxxaani daw’aa irratti dubbateedha. Namni sheykni kuni seenaa kana irraa gabaase akkana jedha: “Lafa keessa deemne rizqii barbaadachuf dooni irratti dargaggeessa gaarii, keessi isaa qulqulluu fi amalli isaa gaarii ta’ee waliin hiriyyoomne. Qulqullinnii fi nuurri (ifti) fuula isaa irraa kan mul’atuu fi ifu ta’ee argina. Kan of gadi qabu, salaatu, namoota gorsuu fi qajeelchu ta’ee malee hin argitu. Yommuu salaanni gahu, azaana godhee nuun salaata. Yoo namni tokko salaata irraa duubatti hafe, isa waqqasee gorsa. Adeemsa keenya guutuu haala fi amala kana irra ture.

Galaanni nu oofee odola Hindii takkatti nu darbe. Nutis achitti buunee qubanne. Wantoota warri galaana irra deeman aadaa godhatan keessaa tokko, bakka kana guyyoota muraasaaf turuun ni bashannanu, magaalatti keessa deemun wanta addaa maatii isaanitiif bitanii halkaniin gara doonii isaanii deebi’u. Isaan keessaa namoota jallinna keessatti kufetu ture. Namoonni kunniin iddoo taphaa, fedhii, wanta badaa itti hojjatanii fi bakka sagaagalummaa dhaqu. Dargaggeessi gaariin kuni doonii irraa gonkumaa hin bu’u. Kana irra, doonii irraa wanta suphamu qabu suphuun, funyoo hiike hidhuun, muka jabeessun, zikrii, Qur’aana fi salaatan ko’oomun guyyoota kanniin dabarsa.

Gabaasan ni jedha: ijji isaa imimmaan areeda irra dhangalaasti. Imala tokko irratti osoo dargageessi kuni hojiiwwan isaa waliin ko’oomu (biizi ta’uu), hiriyyaan isaa tokko kan fedhiin itti taphatte, hojii gaarii dhiise hojii badaan of ko’oomse, wanta ol’aanaa dhiise wanta gadi aanaa filate akkana jedheen: yaa hiriyyaa kiyya! Sila ati maaliif dooni irra yeroo hundaa teettaa, ishirraa addaan hin baatu? Maaliif irraa buute addunyaa keetin ala addunyaa biraa hin ilaallee? Wanta yaada bal’isu, nafsee booharsu argita. Ani gara iddoo sagaagalummaa fi Rabbiin itti dallanu koottu siin hin jedhu. Yaa saahiba kiyya, kuni fagoodha. Garuu koottu warra boofaan taphatan ilaali. Boofa hin sodaatan. Akkasumas, nama arba yaabbatu fi akkamitti kumbii isaa masalaali gochuun harkaa fi lukaan irra bahuu ilaali. Ammas, osoo nama mismaari irra deemu argatee obsi isaa akkamitti jabaate, ammas barbaadaa ibiddaa akka teemiraatti nama liqimsu osoo argitee! Nama bishaan galaanaa akka bishaan Firaatitti dhuguu argita! Yaa obboleessa kiyya! Gadi bu’iitii namoota ilaali.

Ergasii nafseen dargaggeessa gaarii kanaa wanta dhagaye qunnamuuf ni sochoote. Ni jedhe, addunyaa tana keessa wanti ati jettu ni jiraa? Hiriyyaan badaan isaa kunis ni jedhe: eeyyen! Odolaa kana keessa ni jira. Gadi bu’i wanta si gammachiisu ni argitaati. Ergasii dargaggeessi gaariin kuni hiriyyaa isaa waliin ni bu’e. Hanga karaa dhiphootti isa seensisuutti suuqi fi karaalee magaalaa tanaa keessa oli gadi waliin deddeeman. Karaan dhiphoon kuni mana xiqqoo tokkotti isaan geessa. Namtichi mana xiqqoo tana seenee dargaggeessa gaariin kuni akka isa eegu gaafate. Ni jedheen, “Yeroo muraasaan booda sitti deebi’a. Garuu manatti dhiyaachu irraa of eeggadhu, of eeggadhu.” Dargaggeessi kuni mana irraa fagaatee taa’e. Qur’aanaa fi zikriin yeroo isaa fixa. Garuu kolfa sagaleen isaa olka’e tasa dhagaye. Ergasii balbala manaa bane. Dubartiin haguuggi qaani fi namummaa ofirraa mulqite isatti gadi baate.

Waaaa!! Kuni balbaluma namtichi keessa seenedha. Nafseen dargaggeessa kana ni sochoote. Gara balbalaas ni dhiyaate. Wanta mana keessatti adeemsifamu dhageefachu jalqabe. Sagalee biraa ni dhagaya. Qaawwa balbalaatin gara keessaa ilaale. Ilaalcha tokkorraan ilaalcha biraa itti daddabaluun wanta duraan hin beekne fi hin agarree ilaalu itti fufe. Ergasii gara iddoo isaatti deebi’e. Yommuu hiriyyaan isaa mana kana keessaa bahuu, “kuni maalidhaa? Ee badii kee! Kuni dhimma Rabbiin itti dallanu fi hin jaalanneedha.” Jechuun waqqase. Namtichis ni jedheen: yaa jaamaa, yaa gaafila, cal’isi. Kuni dhimma si hin ilaallanneedha.”

Gabaasan itti fufuun ni jedha: isaan lamaanu halkaniin barfatanii gara dooni deebi’an. Dargaggeessi kuni wanta argeen yaada isaa ko’oomsuun halkan kana osoo hin rafin bule. Xiyyi sheyxaanaa qalbii isaa too’atee jira. ilaalchi inni ilaale suni lugaama qoma isaa qabatte. Akkuma fajriin baqaqee fi bariin bari’een nama jalqabaa dooni irraa bu’u ta’e. Ilaalu malee wanti biraa sammuu isaa keessa hin jiru. Bakka kaleessaa san ni deeme. Ilaalcha jalqabaa ni ilaale. Ilaalcha biraas itti fufsisee hanga balbala mana sanii banuutti. Guyyaa kanaa fi guyyaa isa booda jiru bakka [wanti fokkuun itti raawwatamu] kanatti dabarse.  Shufeerri dooni oofu isa ni dhabe. Waa’ee isaa ni gaafate. Mu’azzinni eessa jira? Imaamni salaata nu salaachisu? Dargaggeessi gaariin suni eessa dhaqee? Eenyullee deebii hin deebisneef. Isa barbaaduf akka bittinnaa’an isaan ajaje. Ergasii nama bakka san isa geesse shufeerichi ni beeke. Isa dhiyeesse ni akeekachise, akkanas ni jedheen: Sila Rabbiin hin sodaattu? Adabbii isaa hin sodaattu? Amma deemiti isa fidi.” Ergasii namni kunis si’a baay’eef gara isaatti ni deddeebi’e. Garuu isa dhiyeessu hin dandeenye. Sababni isaas, inni isaan waliin deebi’u ni dida. Hogganaan doonii dhiirota baay’een isa dhiyeessu malee filannoo biraa hin arganne. Namoonni kunniinis humnaan baadhachuun gara dooni geessan.

Gabaasaan ni jedha: doonittiin gara biyyaa deebi’uu jalqabde. Namoonnis hojii isaanii itti fufan. Dargaggeessi kuni caafii dooni irra taa’un hanga hiddi onnee isaa cituu gahutti booyu fi aadu jalqabe. Nyaata isaaf dhiyeessu, garuu hin nyaatu. Guyyoota muraasaaf haala badaa isaa kanarra ture. Halkan keessaa halkan tokko booyinsi fi iyyansi isaa ni cime. Warri dooni yaabbate rafuu hin dandeenye. Shufeerri dooni itti dhufuun akkana jedheen: Yaa namana! Rabbiin sodaadhu. Maaltu si tuqee? Booyinsi kee nu jeeqe jira, rafuu hin dandeenye. Ee badii kee! Maaltu haala kee jijjiree? Ee badii kee maaltu si dhayee? Dargaggeesiis kan gadduu fi gaabbu ta’ee akkana jechuun deebii deebiseef: Na dhiisi. Wanta na tuqe ati hin beektu.

Shufeerichis ni jedhe: maaltu si tuqee?” Yeroo kanatti dargaggeessi qaamaa saalaa isaatirraa haguuggi ni mulqe. Yommuu ilaalu, raammoon qaama saalaa irraa gadi kukkufa. Shufeerichis wanta argeef rifate hollate. Ni jedhe: kanarraa Rabbiin tiikfama. Shufeerichi isa biraa ni ka’e. Yommuu barii’uuf deemu sagaleen bilbilaa (dawilii) isaan dammaqsite. Isaanis gara madda sagalee deeman. Yommuu dhaqan, dargaggeessi kuni muka dooni ilkaanin cininee kan du’e argan. Namoonnis khaatima (xumura) gaarii Rabbiin kadhataa deebi’an. Seenaan dargaggeessa kanaa nama barnoota fudhatuuf barnoota taate hafte.

Faayda: seenaan tuni Rabbiif ajajamu keessatti sidq (dhugaa ta’uu) akka qaban nutti agarsiisti. Osoo dargaggeesi kuni Rabbiif ajajamu keessatti warra dhugaan hojjatan keessaa ta’e, silaa Rabbiin isa gadi dhaabaa ture. Akkuma Rabbiin jedhe: “Rabbiin warroota amanan jireenyaa addunyaa fi Aakhiraa keessatti jecha gadi dhaabbattuun [isaan] gadi dhaaba.” Suuratu Ibraahim 14:2

Madda: 100 Qissatu min nihaayati zaalimiina Fuula 248-250

One thought on “Hojiin Xumuraan Madaallama

  1. Pingback: Sababootaa fi Furmaata Waliin Oduu warra fooyya'iinsa booda duubatti deebi'anii-kutaa-7 - Ibsaa Jireenyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.