Ilmaan Namaatiif Qajeelfama Seenaa Nabiyyi Kabajamaa (Siiraa)

Qajeelcha fi seenaa Nabiyyii (SAW) barachuun Muslimoota hundaaf dhimma garmalee barbaachisaa ta’eedha. Kaayyoolee baay’ee galmaan gaha. Isaan keessaa ijoon: Eenyummaa Ergamaa Rabbii (SAW), hojiiwwan isaa, dubbiiwwan isaa fi wantoota inni mirkaneesse beekun isatti hidhachuu fi fakkeenya godhachuu, Muslimni akka nabiyyii (SAW) jaallatu taasisu. Nuti yeroo Nabiyyiin Qureeshotatti da’awaa godhuu fi isaaniitti qabsaa’u bira hin jirru. Kanaafuu, akkamitti osoo isa hin beekin isa jaallachuu fi hordofuu dandeenyaa? Kanaafuu, karaan tokkichi nabiyyi (SAW) itti jaallatanii fi hordofan seenaa isaa (siiraa) barachuudha. Seenaa Nabiyyii barachuu fi qo’achuun Nabiyyiin abbaa manaa akkami, hogganaa akkamii, bulchaa akkamii, barsiisaa akkamii, abbaa murtii akkamii, daa’ii akkamii akka turan ni baranna. Haala fi eenyummaa keenya osoo adda hin baasin hundi keenyayyuu seenaa Nabiyyii qo’achuu fi qorachu irraa faaydaa guddaa arganna. Kitaabni kuni seenaa odeessu qofa osoo hin ta’in barnoota seenaa irraa argamu jalatti gabaabbinaan ni dhiyeessa. Kuni haala salphaan seenaa Ergamaa Rabbii (SAW) irraa barnoota akka fudhatanii fi hojitti akka jijjiraniif nama gargaara. Seenaa as keessatti dhiyaate nama guddaa qofaaf osoo hin ta’in nama hundaaf qajeelcha ta’a. Sababni isaas, umrii daa’imummaa, ijjoollummaa, dargaggummaa fi umrii san booda jiru keessatti wanta Rasuula (SAW) qunname fi adeemsa isaa waan himuuf, ijoolleef, dargaggootaa fi namoota biroo hundaaf barnootaa fi qajeelcha guddaa ta’a.

Kitaaba kana buusuf liinki armaan gadi tuqaa: https://sammubani.files.wordpress.com/2021/12/ilmaan-namaatiif-qajeelfama-seenaa-nabiyyii-kabajamaa.pdf

Leave a comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.