Tafsiira Suuratu Yuusuf-Kutaa 18

Obboleeyyan Yuusuf bara dheeraa booda sababa hoongetiin gara Misir akka dhufan kutaa darbe keessatti ilaalle jirra. Isaan Yuusufin haa wallaalanii malee inni yoosu isaan beekuun haala gaariin isaan keessumeesse. Yommuu gara biyaatti deebi’an midhaan isaaniif safaruu waliin maallaqa daldalaa isaaniif deebise. Garuu lammata yommuu deebi’an obboleessa isaanii xiqqaa yoo hin fidin midhaan akka hin arganne isaan akeekachiisee. Obboleeyyanis yommuu gara manaa deebi’an akeekachiisa kana haala armaan gadiitiin abbaa isaaniitti himan:

12:63

“Yommuu gara abbaa isaanii deebi’an, ni jedhan, ‘Yaa abbaa keenya! Safarri [midhaanii] nurraa dhoowwame. Kanaafu, obboleessa keenya nu waliin ergiiti [midhaan] haa safarannu. Nuti dhugumatti isaaf eegdota.’”  Suuratu Yuusuf 12:63

obboleeyyan yommuu gara abbaa isaanii deebi’an, ministeera diinagdee Ijipt waliin maal akka haasawan abbaa isaanii Ya’quubitti odeessu jalqaban. Abbaa maanguddoo umrin deemee fi obboleessa xiqqaa maqaan isaa Biniyaamin jedhamu akka qaban itti himan.

Abbaa isaaniitiin ni jedhan: Ministeerri Ijipt kuni yommuu nuti obboleessa xiqqaa akka qabnu beeku, akkana nuun jedhe: “Isa natti fidaa. Yoo isa natti hin fidin, gara fuunduraatti na biraa safara midhaanii hin argattan. Midhaan bitachuufis natti hin dhiyaattan. Kanaafu, midhaan akka safarannu yoo barbaadde, obboleessa keenya kana nu waliin ergi. Dhugumatti nuti isa ni eegna.”

Safarri [midhaanii] nurraa dhoowwame” Kana jechuun gara fuunduraatti midhaan akka safarannu dhoowwamne. Yoo obboleessa keenya hin fidin, midhaan nuuf hin safaramu.  

12:64

“[Ya’quubis] ni jedhe, “Akkuma duraan obboleessa isaa irratti isin amanee malee isarratti isin amanaa? Rabbiin hunda caalaa Tiiksadha, Inni warra rahmata godhan caalaa rahmata kan godhuudha.” Suuratu Yuusuf 12:64

Kana jechuun Ya’quub ijoollee isaatiin akkana jedhe: akkuma kana dura obboleessa isaa Yuusuf irratti isin amane, ilma kiyya Biniyaamin kanarrattis akka isin amanuu barbaadduu? Tana dura, “Yuusufin nu waliin ergi. Dhugumatti nuti isa ni eegna” jettan. Anis isin amane Yuusufin isin waliin erge. Ammas jechuma wal-fakkaatu asittis dubbattan: “Biniyamiinin nu waliin ergi. Dhugumatti nuti isa ni eegna.” jettan. Akkuma Yuusufin irratti isin amanee, ammas isin amanee Biniyaaminiin isin waliin ergaa? Lakki, ani isin hin amanu, eeggumsa keessanis hin amanu. Garuu eeggumsa Rabbii amana. Rabbiin isin caala kan isa eegudha. “Rabbiin hunda caalaa Tiiksadha, Inni warra rahmata godhan caala rahmata kan godhuudha.” Kana jechuun yommuu ani isa isin waliin erge, Rabbiin akka isa eegu, anaa fi isaaf rahmata godhu kadhadha. Rabbiin hunda caalaa kan nama eegudha, warra uumamtootaf mararfatan caalaa Kan uumamtootaaf mararfatuudha.

12:65

“Yommuu meeshaa isaanii banan, maallaqa daldalaa isaaniif deebifame argan. Ni jedhan, ‘Yaa abbaa keenya! Maal barbaannaa? Kunoo maallaqni daldalaa keenya nutti deebifame, maatii keenyaaf ni shamanna, obboleessa keenya ni tiiksina, fe’aa gaalaa ni dabalanna. Kuni safara salphaadha.’” Suuratu Yuusuf 12:65

Kana jechuun yommuu obboleeyyan Yuusuf qalqalloo midhaanii Misir irraa fidan banan, maallaqa midhaaniif jedhanii kafalan isaaniif deebifame argan. Yommuu kana argan akkana jedhan: “Yaa abbaa keenya! Kana caalaa maal barbaannaa? Kunoo maallaqni nuuf deebifamee jira. Kanaafu maallaqa kanaan maatii keenyaaf ni shamanna. Obboleessa keenya ni eegna. Obboleessi keenya nu waliin yoo deeme fe’aa gaala tokkoo ni dabalanna. Sababni isaas, Yuusuf nama tokkoof fe’a gaala tokkoo kennaaf. Kanaafu, obboleessi keenya nu waliin yoo deeme, fe’aa gaala tokko waan argatuuf fe’aa gaalaa tokko ni dabalanna.

Obboleeyyan kurnan qofti yoo deeman fe’aa gaalaa kudhan argatu. Garuu obboleessi isaanii yoo itti dabalame, fe’aa gaalaa kudha tokko argatu. Kanaafu “fe’aa gaalaa tokko ni dabalanna obboleessa keenya nu waliin ergi” jechuun Ya’quubin kadhatu.

“Kuni safara salphaadha” Kana jechuun midhaan amma nuti finne kuni midhaan xiqqaadha, maatii keenyaaf hin gahu. Kanaafu, gara Misiritti deebi’u qabna.

12:66

“[Ya’aquub] ni jedhe, ‘Yoo marfamtan malee hanga isa akka fiddan Rabbiidhaan kakattanitti gonkumaa isa isin waliin hin ergu.’ Yommuu kakuu isaanii isaaf kennan, ‘Rabbiin wanta nuti jennu irratti wakiila’ jedhe.” Suuratu Yuusuf 12:66

Obboleeyyan Yuusuf abbaa isaanii Biniyaamin akka isaan waliin ergu garmalee haa sossobanii malee abbaan isaanii isa isaan waliin erguuf ulaagaa kaa’e. Ulaagaa kunis: Gara Misir deemanii yommuu deebi’an Biniyaamiin akka of waliin fidan Rabbiidhaan kakachuudha.

Yoo marfamtan malee hanga isa akka fiddan Rabbiidhaan kakattanitti gonkumaa isa isin waliin hin ergu.” Kana jechuun Ya’aquub akkana isaaniin jedhe: Hanga isin “Yoo wanti humna keenyaa oli nu qunname malee wallaahi (Rabbiin kakanne) yommuu deebinu Biniyaamin ni finna.” jettanii Rabbiin kakattanitti malee isin waliin Biniyaamin hin ergu.[1] Asitti marfamuu jechuun wanti humnaa olii nama qunnamuudha. Kan akka diinaan marfamu, shiiftaan nama marsuu, sababa adda addaatin mootummaadhaan hidhamuu fi kkf.

Yommuu obboleeyyan Yuusuf “Biniyaamin ni finna” jedhanii Ya’aquubif kakatan, Ya’quubis ni jedhe: “Rabbiin wanta nuti jennu irratti wakiila’ Kana jechuun Rabbiin wanta anaa fi isin jennu ni arga, ragaa bahaadha.[2]

Guduunfaa:
Mu’iminni si’a lama boolla takka keessatti hin kufu. Kana jechuun namni dhugaan amane dogongora wal fakkaatu irra deebi’e hin hojjatu. Kanaafi, Nabii Ya’quub dogongora jalqabaa jiilun “Akkuma duraan obboleessa isaa irratti isin amanee malee isarratti isin amanaa?” jedhe. Kanaafu namni dogongora jalqabaa irraa baratu qaba. Si’a lama sobamu hin qabu. Garuu yoo haalli isatti cimee, namticha san kakachiisuu fi Rabbiin irratti hirkachuudha. Kunoo Nabii Ya’quub (aleyh salaam) tooftaa kanatti fayyadame. Hoongeen waan isaanitti jabaatteef nyaata barbaadun isaan barbaachise. Kanaafu, Biniyimaanin obboleeyyan waliin erguun dirqama ta’e. Yeroo kanatti Ya’quub ilmaan isaa ni kakachiise: Yoo marfamtan malee hanga isa akka fiddan Rabbiidhaan kakattanitti gonkumaa isa isin waliin hin ergu.

Rabbii olta’ee irrattis ni hirkate: Rabbiin hunda caalaa Tiiksadha, Inni warra rahmata godhan caalaa rahmata kan godhuudha.


[1] Tafsiir Wasiix [2] Tafsiir Xabarii, Wasiix

Leave a comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.